Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Adoolessa 13-Guyyaa Fiinfinnee! (Finfinneen Handhuura Oromiyaa ti!)

I.    Seensa


Koloneeffataan biyya humnaan qabate maqaa itti jijjiiree akka abbaan biyya biyya isaa dagatu tolchuu akeekkatee hojjeta. Oromoonis guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee maqaan biyya abbaa isaa jijjiiramee moggafamuun abbaan biyyummaa isaa haalamaa ture. Ammas gaaffiin abbaa biyyummaa isaa osoo hin deebihiin jira. Haala kanaan Oromoon guyyaa kiyyoo kolonii jala seenee kaasee mirga abbaa biyyummaa isaa, bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii itti baasaa jira. Boris, ifitaanis haga mirgi abbaa biyyummaa isaa, bilisummaa fi walabummaan isaa mirkanaawuutti wareegama baasuun waan dhaabbatu hin ta´u.

Sabbontonni Oromoo hedduu goolee Oromiyaa mara keessatti mirga abbaa biyyummaa isaani deebisiisuuf jecha diddaa godhaniin wareegama qaqaalii baasanii jiru. Seenaan bara baraan isaan yaadata, jaallan diddaa abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf jecha wareegaman hundi bara baraan yaadatamaa jiraatu.

Diddaa baroota dheeraa godhaaman keessaa kan as dhiyoo, bara 2001 keessa Gootooti barattooti Oromoo murtii dabaa wayyaaneen dhimma finfinnee irratti dabarsite fi karaa lukkee isaanii hojiitti hiikuuf tattaafme mormuun gaaffii kaasan, maanguddoon Oromoo kan waldaan Maccaa fi Tulamaas hiriira nagaa waamuu fi irratti hirmaatuun diddaa jijjiiramuu handhuura Oromoiya morman. Deebbiin gootota barattootaa fi Miseensotaa fi hoogganoota waldaa Maccaa fi Tulamaaf kenname garuu kan heera weerartuun qaba jettu illee kan cabse ture. Deebbiin reebicha, gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa ta’e, Gaaffii kana waliin wal qabatee goototi barattoota Oromoo sadarkaa Yuniversity barataa turan lama mana hidhaa keessatti wareegaman otoo wal hin yaadachiisiin hin dabarru, Alamayyoo Garbaa fi Gaaddisaa Hirphasaa! Goototi barattooti Oromoo mana barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa keessaa  goolee Oromiyaa bakki irraa hin wareegamne jira jechuun nama dhiba.

Dhimma kana waliin wal qabatee barattooti Oromoo hedduu barnoota irraa arihamaniru, maanguddoon keenyi biyya isaani irraatti kabajaa dhabanii ulee fi kophee polisiin reebamuu fi salphisamaniiru, ilmaan Oromoo hedduu lubbuu isaa qaaliis itti wareeganii jiru. Gootonni sabbontonni Oromoo hoogganoota waldaa Maccaa fi Tuulama dabalatee barattooti Oromoo yuniversity finfinnee itti hidhamaniiru, dararamaniiru.

Guyyaa filannoo camsaa 2005 irraa kaasanii ammoo akeeka wayyanoonni fedhii isaanii kan dantaa dinagdee fi aangoo siyaasaa biyyittii keessaa qaban tikfachuuf qofa akka waajironni Oromiyaa gara Adaamaatti haa jijjiiraman jedhamee murtaahee wareegamni qaqqaalii itti bahe akka gara Finfinneetti deebihan afaan  kana dura ittiin ajajanii ummata Oromoo fixaa turan dagatanii ittiin uummata sossobuuf tattaafataan.. Ammas seeraan mirkanaahee Oromiyaan dantaa Finfinnee irraa argattu argachaa hin jirtu.

Kun kan muldhisu hardhas wayyanonni fedhii Oromoo handhuura biyya isaa keessaa baasuun daangaa keessatti basha`an tolfachuuf tattaafachuun mirga Oromoo dhiibuu, abbaa biyyummaa isaas haaluu hin dhaabne. 

Kanaaf Oromoon handhuura biyya isaa Finfinnee keessaa dhiibamuu yaadachuu fi falmachuuf; Adoolessi 13, 2001 Guyyaa murtiin dabaa finfinnee irratti darbe akka guyyaa finfinnee ta`ee yaadatamu murtaahuun  baruma sana labsamuun ni yaadatama. Bara sanaa irraa kaasee Oromoon dhimma kana quba qabu guyyaa kana gaddaan yaadachaa turuunis ni beekama. Ammas guyyaan murtii hamaa kun irratti murtaahe irraa hin kaane. Akkasumas mirgi abbaa biyymmaa isaa hin mirkanoofne. Kanaaf haga dhimmooti kun mirkanaahanitti Oromoon bara baraan guyyaa kana gaddaan yaadata. Mirga Finfinnee fi Oromiya irratti qabus akka deebifatu falmaasaa isaa jabeessu dhaamsa dabarfanna.



II.    Akeeka Guyyaa Finfinnee



1.    Oromoon abbaa biyyaa ta`uu wal yaadachiisu, Fifinneen handhuura Oromiyaa ta`uu wal hubachiisuu, dantaa Oromoon irraa argachuu qabuuf bifa kamiinu falmaa gochuu itti fufuu wal hubachiisu,
2.    Falmaa Abbaa biyyummaa Oromoo deebisanii kabachiisuuf godhame keessatti  Wareegama bahe wal yaadachisuun wareegmaa kana firii itti gochuuf wal ijaaruu irratti wal jabeessuuf.
3.    Gootota Oromoo dhimma finfinnee fi dhimma Oromoo irratti wareegama qaamaa, qalbii fi lubbuu isaanii dabarsanii yaadachuuf, hidhamtoota Oromoo dhimma kanaa fi gaaffii abbaa biyyummaa Oromoof jedhanii gidiraa argaa jiran yaadachuuf.


III.    Akkaataa Itti Raawwatamu



1.    Dhimma finfinnee fi dhimma abbaa biyyummaa Oromoo wal barsiisu.
2.    Haala ittiin Oromoon biyya isaa dhuunfachuu dandahu irratti marihachuu, yaada walii kennuu, wal gurmeessuu, wal gootomsuu, wal jabeessu irratti wal gorfachuu fi wal bilcheessuu.
3.    Guyyaa Adoolessa 13 bara 2008 guyyaa guutuu Oromoon bakka jirutti dhimma kana irratti wal marihachaa fi wal yaadachiisaa akkaataa of jabeessuu irratti marihachuun ejjennoo isaa ummata Oromoof karaa SBO fi VOA dabarfachuu..
4.    Jiraattooti magaalaa fi baadiyyaa dhimma kana dursanii facaasuun namuu qalbiin guyyaa sana dhimma finfinnee yaadachaa akka oolu irratti hojjechuu..
5.    Faaruu Finfinnee faarfachuu da´immanii fi shamarran faaruu kana barsiifachun fi akka faarfatan gochuu.



IV.    Seenaa Finfinnee Keessaa Waan Muraasa Oromoon Wal Barsiisu Qabu.



Abbaa biyyummaa Oromoo hubachuuf Finfineen kan Oromoo ta´uun isaa shakkiin hin jiru, kana seeraa fi seenaan hardhallee borullee itti gaafannu ta´a. Kanaaf kana duuba Oromoon bakkoota kana qayyabatee itti dhimma bahu koreen ni labsiti.

i.    Cabiinsa Halagaa Dura Ilmaan Oromootu Finfinnee Bulchaa Turan Madda Seenaa Irraa

1.    Caffeen Tuulamaa kan bulaa turte gooticha Oromoo Tufaa Munaan ta`uu
2.    Birbirsa fi Manni Gullallee kan bulchaa ture Qajeelaa Dooyyo
3.    Teechoo kan bulchaa ture Guddataa Araddoo
4.    Boolee Kan bulchaa ture Shubu Ejersaa
5.    Boolee Bulbulaa kan bulchaa ture Soraa Lomee
6.    Kolfee kan bulchaa ture Axale Jatanii
7.    Qaraniyoo/Dalattii kan bulchaa ture Jamo Dabalee
8.    Jarsaye kan bulchaa ture Galatee Ashate
9.    Yakkaa kan bulchaa ture Abeebee Tufa

ii.    Karra Shanan Finfinnee


1.    Karra Qirxi – karra gara kaaba geessu
2.    Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
3.    Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
4.    Karra Qaallu/Qaallitti- karaa Bsiooftuutti nama geessu
5.    Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti nu geessu

iii.    Bulchiinsta duraanii keessatti akkaataa onoonni wal qoodan akka armaan gadiiti.

a.    Ona Caffee Tumaa

1.    Finfinnee – Hora saawwan gullallee fi galaan araabaa turan amma bakka Filwuha jedhamu ssana.
2.    Hurufa Boombii- Bakka maqaan ammaa jaanmedsaa, Embasii Egypt, Hospitaala minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatan dha.
3.    Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
4.    Dhummuggaa – bakka amma Ginfillee jedhamu irra ture.
5.    Keelloo Masqalaa- Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur  jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
6.    Tulluu Heexoo Diimtuu – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata polisaa 6eessa fi bakka baahitaa jidhamu.
7.    Dhaka Araara – Bakka amma fit berr, bakka police garaj jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka etege mask jedhamu, fi bakka amma hoteelli hilton jiru.
8.    Qarsaa- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata
9.    Awwaaroo- bakkuma amma awwaaroo jedhamu dha
10.    Hulluuqo kormaa- bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma masqal addababay jedhamu, fi bakka amma raas birru safar jedhamu ammata.
11.    Hora finfinnee- bakka amma filwuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
12.    Dolloo Biddeena – bakka amma baqlo beet,gotaraa fi walloo safar jedhamu
13.    Dabaso – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
14.    Haada Amma – bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan.

b.    Ona birbirsa yaa´i goroo

1.    Waddeessa – bakka amma pizassaa, charchar godanaa, fi araadaa giyorgis jedhamu kana
2.    Maarama Birbirsa – bakka amma bataskaanni gorgis jiru

c.    Ona qarsaa

1.    Hurufa Raaree – bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas ganamee safar jedhamu fi addisuu mikaêl dabalatu dha.
2.    Sokorru – Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa, fi kuas meedaa jedhamu ammata.
3.    Sulula garbii – Bakka amma taklahymanot fi cid tara jedhamee beekamu ture,
4.    Garbi – bakka amma sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru sana dha,
5.    Qarsaa – bakka amma markaatoo jedhamu, amerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.
6.    Baro Kormaa – bakka amma gollaa mika´el, ras tasamma safar, hospitaala xiqur ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
7.    Dache Golbaa – bakka amma addis katamaa jedhamu kana

d.    Ona gullallee ykn mana Gullallee

1.    Adaamii- bakka amma bataskaanni rufaa´el jedhamu jiru, sameen mazagajaa, fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee ammata
2.    Didiimtu – bakka amma shogolee jedhamee beekamu ammata.
3.    Qaallee – Bakka amma askoo jedhamu
4.    Fiichee – Bakka amma dahannoo xaliyaani ykn xaliyaan mishig jedhamu.
5.    Kattaa – ammas kattaa jedhaama
6.    Burayyuu – Bakka amma burrayyuu, fi gafarsaa jiru dha,
7.    Harbuu Irreechaa – bakka amma raas hayiluu safar jedhamu

e.    Ona Abbichu

1.    Burqaa Ejeree – Bakka amma enxooxxoo kidana mirat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
2.    Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus ras kaasaa safar jedhamu
3.    Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xalizaani fi bataskaanni Aabboo jedhamu jiru ammata

f.    Ona xiixaa (enxooxxoo)

1.    Haxxee laalii – bakka amma shiroo meedaa fi enxooxxoo maramiin jiran fi naannoo isaa ammata
2.    Muujjaa – bakka amma shiroo meedaa jiru keessatu itti waamama.
3.    Waayyuu – bakka amma qacanee madanalam jedhamu ture
4.    Karaa Qorxii – bakka amma balay yallaqaa mangad jedhamuu fi samen bar jedhamu ammata.
   
g.    Ona ekkaa.

1.    Burqaa Qorichaa – Bakka amma yakkaa mika´el xabal, laga qabbana, fi lga daadhii jiran dabalata
2.    Karaa alloo riqicha – Bakka amma Imbasiin engiliz, Imbasiin Jarmany, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.
3.    Harbuu – bakka amma gurd shoolaa jedhamu dha
4.    Kotabee – Ammas kotabee jedhama
5.    Doqaa Booraa – Bakka amma haya hulat mazoriyaa jedhamu dabalata

h.    Ona Boolee

1.    Garjii – Ammas garjii dhumaan beekama
2.    Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhan beekama
3.    Warra ganuu – Ammas warra ganuun beekama

i.    Ona Teechoo

1.    Golboo – bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), qaallitti, qeeraa, gofaa jedhaman ammata.
2.    Lumee – bakka amma bataskaana yooseef jiru kana dabalata
3.    Laaftoo Tumtuu – bakka amma bunnaa bord jedhamu ammata
4.    Jaajaa – bakka amma biheere tsigee jedhamu ammata
5.    Tulluu ejersaa – bakka amma hannaa marizaam jedhamu ammata
6.    Tulluu dheertuu – bakka amma gofaa beetamangist jedhamu ammata
7.    Baaboo – bakka amma addisuu qeeraa jedhamu dabalata
8.    Sammuu Gullallee – bakka amma meettaa darichaa jedhamu ammata

j.    Ona Caffee Annanii

1.    Caffee muudaa – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
2.    Harbuu – Bakka amma meksikoo, mana barnoota tagbaara id jiru, mana adabaa finfinnee, bakka saar bet jedhamu, bakka geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa dajjaa baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wazin xajji, bakka oomisha kokaa kollaa dabalata,
3.    Harawaa – bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaacaa fabrika) jedhamu dabalata.

k.    Ona Jaarsayu

1.    calcali – bakka amma sar bet jedhamu dabalata
2.    Mardee – bakka amma arogee awropilan marefiza, midir xor, ganda tolasaa, fi raphii jedhaman ammata
3.    Bakkanniisa – bakka amma makkaanisaa jedhamee waamamu dha.

l.    Ona Kolfee

1.    Daalattii – bakka amma qaraniyoo jedhamee waamamu,
2.    Labu – bakka amma siga meeda, taxaq xor safar jedhamu ammata
3.    Xaro – bakka amma axanaa taraa fi faxino darash jedhamu ammata..



V.    Faaruu(sirba) Finfinnee


Finfinnee! Finfinnee!
Handhuura Oromiyaa
Biyya abbaa kiyyaa
Si utubaan biyyaa

Finfinneen keenyumma kan Oromooti
Halagaan nu wajjin mirga hin qabdu itti
Biyyi keenyi keenya eenyuuf gad lakkisna
Irratti wareegamne seenaa galmeeffanna.

Nu Oromoo malee abban biyyaa hin jiru
Biyya abbaa Gadaa kan beekne haa baru.

Haawwannisaa fi yeeyyi sirratti qubsiisani
Maqaa kee haqanii ababaa jedhani
Oromoo dhiibanii,
Moggatti baasani
Abbuuma mulqanii
Jiruunis dhaalani

Nu Oromoo malee abban biyyaa hin jiru
Biyya abbaa Gadaa kan beekne haa baru.

Guddaafaa fi gufuun sirraa haxaawamtee
Qilleensa walaba kan duree goonfatte
Sirna abbaa Gadaa keetiin of bulchitee
Ni waarta finfinnee yoomiyyuu jiraatte,

Nu Oromoo malee abbaan biyyaa hin jiru,
Biyya abbaa Gadaa kan bariin haa baru.

Finfinneen keenyuma kan Oromooti
Halagaan nu wajjiin miga hinqabu itti

Biyyi teenya keenya eenyuuf gad lakkisana
Irratti wareegamne seenaa galmeeffanna

Nu Oromoo malee abbaan biraa hin jiru,
Biyya abbaa Gadaa kan biraan haa baru..
Biyya abbaan Gadaa finfinnee dha duru!
Biyyi abbaa Gadaa Oromiya dha duru!


***<*>***

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoo Ummata Oromoof!




Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net